Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan hariiroo Diinagdee Sudaan Kibbaa waliin qabdu cimsitee itti fufti – Obbo Ahimad Shiidee

Finfinnee, Eebila 1, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan hariiroo Diinagdee Sudaan Kibbaa waliin qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee beeksiisan.
Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen jila Ministira Ministeera Maallaqaa fi Pilaanaa Sudaan Kibbaa Aggaak Achuuliin durfamu waajjira isaaniitti simachuun mari’ataniiru.
Ityoophiyaan hariiroo Diinagdee Sudaan Kibbaa waliin qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu obbo Ahimad Shiideen eeraniiru.
Biyyoota lamaan gidduutti Koreen Ministirootaa kan hundaa’u ta’a jedhame.
Biyyoonni lamaan hariiroo Faayiinaansii fi Teeknikaa COMESA fi IGAD akkasumas dhaabbilee idil addunyaa gidduutti taasiifamurratti waloon hojjechuuf waliigalaniiru.
Hariiroon ummattoota biyyoota lamaanii bu’uura cimaarratti kan hundaa’e ta’uu obbo Ahimad Shiideen eeraniiru.
Ministirri Ministeera Maallaqaa fi Pilaanaa Sudaan Kibbaa Aggaak Achuuliin gama isaaniin deeggarsa hunda galeessa Ityoophiyaan Sudaan Kibbaaf taasiiftu dinqisiifachuun, yeroo itti aanu hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf koreen waloon Ministirootaa hundaa’uu isaa kan jajjabeeffamu ta’uu eeraniiru.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.