Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Jimmaa deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 6 olii Yuunvarsiitii Walloof taasiise

Finfinnee, Eebila 1, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Jimmaa garee shororkeessaa ABUTtiin kan barbada’e Yuunvarsiitii Walloof deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 6 olii taasiiseera.
Preezdaantiin Yuunvarsiitii Jimmaa Dooktar Jamaal Abbaa Fiixaan deeggarsicha erga laatanii, Yuunvarsiiticha itti fufiinsaan deeggaruuf qophii ta’uu isaanii dubbataniiru.
Yuunvarsiitiin Walloo adeemsa baruu fi barsiisuu akka eegaluuf deeggarsa meeshaalee Yaalii, Biiroo fi teessowwan daree barnootaa laachuu isaanii himaniiru.
Preezdaantiin Yuunvarsiitii Walloo Dooktar Mangashaa Ayyanee gama isaaniin deeggarsa dhaabbileen barnootaa olaanoo 13 fi dhaabbileen deeggarsaa biroon taasisaniin hojii eegaluu isaanii himaniiru.
Dhaabbilee deeggarsa taasiisan galataeeffataniiru.
Zaruu Kaffalenyitu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.