Fana: At a Speed of Life!

Shaqaxaaleen bu’uuraa eeyyama Sharafa alaa malee kallattiin akka galan murtaa’e

Finfinnee, Eebila 1, 2014 (FBC) – Ministeerri Maallaqaa Shaqaxaaleen bu’uuraa eeyyama Sharafa alaa malee kallattiin akka galan murteessuu beeksiseera.
Shaqaxaaleen bu’uuraa kanneen akka Zayita nyaataa, Qamadii, Sukkaarri, Aannan Daa’immanii fi Ruuziin eeyyama sharafa alaa malee kallattiin karaa Komishinii Gumrukaan akka galan murtaa’uu Ministeerri Maallaqaa beeksiseera.
Ministeerri Maallaqaa akkaataa Xaalayaa gaafa guyyaa 22 /3/2013 lakkoofsa MA. 30 /7/ 51 barreesseen dhimmi kun akka raawwaatu, raawwii isaa ilaalchisee qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hordoffii fi to’annoo cimaan akka taasiifamu murteessuu ragaan ministeerichaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.