Fana: At a Speed of Life!

Qoqqobbiin lammiilee biyyoota rakkoo keessa jiranii kan miidhudha- Koree Fannoo Diimaa Idil Addunyaa

Finfinnee, Bitootessa 30, 2014 (FBC) – Qoqqobbiin lammiilee biyyoota rakkoo keessa jiranii kan miidhu ta’uu Koreen Fannoo Diimaa Idil Addunyaa beeksise.

Murtoo mootummaan Ityoophiyaa lammiilee naannoo Tigraayitti deeggarsa namoomaa barbaadaniif dhiyeessii deeggarsaa ariifachiisuuf jecha walitti bu’iinsa dhaabuuf murteesse haala gaariin kan ilaalu ta’uu korichi ibseera.

Dhaabbatichi kaaba Ityoophiyaatti guyyaa waraanni eegale irraa kaasee deeggarsa taasisaa jiraachuu Ityoophiyaatti hoggantuun sabquunnamtii  jila Koree Fannoo Diimaa Idil Addunyaa Faatiimaa Saatoor ibsaniiru.

Haaluma kanaan lammiilee naannolee Amaaraa, Afaarii fi Tigraayitti rakkoo keessa jiraniif deeggarsi yaala fayyaa, nyaataa fi meeshaalee mana keessaa taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Murtoo walitti bu’iinsa dhaabuu mootummaan dhiyeenya dabarse dhaabbatichi  haala gaariin kan ilaalu ta’uu kaasuun deeggarsa namoomaa ariifachiisuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbatichi naannolee Oromiyaa, Somaalee fi Afaar keessatti beelladoota miiliyoona 1.6 ta’aniif deeggarsa talaallii fi margaa taasisuu kaasaniiru.

Waldaa Fannoo Diimaa Ityoophiyaa waliin ta’uun deeggarsicha saffisiisuuf hojjechaa jiraachuu ibsuun dhaabbatichi lammiilee rakkoo keessa jiraniif deeggarsa garaagaraa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Fuuldurattis hojiin deeggarsaa kun cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.