Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan miseensummaa Mana Maree Mirgoota Namoomaa keessaa baate

Finfinnee, Bitootessa 30, 2014 (FBC) – Raashiyaan miseensummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Mana Maree Mirgoota Namoomaa keessaa of baasuu Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii beeksise.

Biyyattiin miseensummaa mana marichaa keessaa ba’uu Ministeerri Dhimma Alaa biyyatti ibsa lateen beeksiseera.

Biyyattiin murtoo kana kan fudhatte Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii yaa’ii waliigalaa guyyaa kaleessaa gaggeesseen Raashiyaan Miseensummaa Mana Maree Mirgoota Namoomaa keessaa akka ittifamtu murtoo dabarse hordofee ta’uu ibsameera.

Murtoo dhaabbatichi dabarse biyyattii adabuuf yaadamee ta’uu fi kaayyoo siyaasaa kan qabu ta’uu Raashiyaan ibsuu CGTN gabaaseera.

Raashiyaan ammas taanaan mirgi namoomaa akka kabajamuuf ga’ee isheerraa eegamu kan ba’attu ta’uu ministeerichi beeksiseera.

Murtoon dhaabbatichaan Raashiyaarratti darbe murtoo doorsisaa fi seera maleessa jechuun dhaabbatichatti Ittaanaan ergamaa dhaabbii Raashiyaa Geenaadii Kuuzmiin ibsaniiru.

Manni marichaa fedhii biyyoota muraasaa kan tarkaanfachiisuu fi hawaasa idil addunyaa biratti amantaa dhabaa jiraachuu eeraniiru.

Murtoo dhaabbatichaan fudhatame biyyoonni 93 yoo deeggaran  24 mormuun biyyoonni 58 yaada hin kenniin hafaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.