Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee naannoo Tigraayirraa buqqa’anii naannoo Amaaraa galaniif  deeggarsi namoomaa taasifamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 30, 2014 (FBC) – Lammiilee naannoo Tigraayirraa buqqa’anii naannoo Amaaraa godina Kaaba Walloo galaniif  deeggarsi namoomaa barbaachisan taasifamaa jiraachuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa ibse.

Haaluma kanaan godinicha aanaa Habruu bakka Jaarraa jedhamutti lammiilee kuma 88 oliif lafa heektaara 400 irratti da’oo ijaaruun deeggarsi namoomaa taasifamaa jiraachuu Daayrektarri Sabquunnamtii Komishinichaa obbo Dabbabaa Zawdeen Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti himaniiru.

Dabalataanis lammiilee naannoo Tigraay irraa buqqa’anii naannoo Amaaraa godina Walloo Kibbaa magaalaa Hayiq jiraniif buufanni tursiisa yeroo tajaajila laachaa jiraachuu kaasaniiru.

Yeroo ammaa lakkoofsi buqqaatotaa godinaalee lameen keessatti argaman dubartootaa fi daa’imman dabalatee kuma dhibba 1 fi kuma 24 fi 200 ga’uu ibsaniiru.

Deeggarsi nyaataa  fi meeshaalee nyaataa mootummaan taasisu qofti ga’aa waan hin taaneef qaamoleen deeggartootaa fi dhaabbileen gargaarsaa ga’eesaanii akka ba’atan gaafataniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.