Fana: At a Speed of Life!

Mariin tarsiimoo walitti bu’iinsa dhaabuu fi ijaarsa nageenyaarratti gaggeeffamaa jiraMariin tarsiimoo walitti bu’iinsa dhaabuu fi ijaarsa nageenyaarratti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 30, 2014 (FBC)- Miseensonni qindeessaa fi manaajimantii Mana Maree Federeeshinii marii sanada tarsiimoo walitti bu’iinsa dhaabuu fi ijaarsa nageenyaarratti gaggeessaa jiru.

Maricharratti kan argaman Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Agaanyaw Taashagaar, walitti bu’iinsa biyyattiitti mudatan hambisuu fi tarsiimoo beekumsarratti hundaa’ee walitti bu’iinsa ittisu hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Waltajjii marii kanarratti galteewwan barbaachisan itti dabaluun tarsiimicha hojii yeroo itti aanuuf qajeeltoo taasisuun ni barbaachisaan ibsaniiru.

Sanada tarsiimichaa waltajjichaaf kan dhiyeessan Obbo Bizunaah Asaffaa, kaayyoon tarsimoo kanaa tarsiimicha fayyadamuun walitti bu’iinsa Ityoophiyaa keessatti yeroo dheeraaf  mudatanii fi gara fuula duratti muudatan karaa saayinsawaa ta’een furuun barbaachisaa ta’u himaniiru.

Koreen qindeessaa  mana marichaa fi manaajimantiin waajjirichaa tarsiimoo kanarratti mari’achuun kallattii gara fuula duraa ni kaa’uun kan eegamu ta’uu ragaan Mana Marichaarra argame ni muli’sa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.