Fana: At a Speed of Life!

Hariiroon Ityoo- Keeniyaa faayidaa diinagdee qabatamaa argamsiisaa jira- Ambaasaaddar Mallas Alam

Finfinnee, Bitootessa 30, 2014 (FBC) – Hariiroon Ityoo- Keeniyaa faayidaa diinagdee qabatamaa argamsiisaa jiraachuu Keeniyaatti  Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Mallas Alam ibsan.

Ambaasaaddar Mallas Alam kana kan ibsan miidiyaa Keeniyaa Kaappitaal FM jedhamu waliin turtii taasisaniin ta’uu ibsameera.

hariiroo gaarii biyyoonni lameen gama siyaasaa fi hawaasummaa qaban gara hariiroo diinagdeetti jijjiiramaa jiraachuu kaasaniiru.

Ambaasaaddar Mallas Alam hariiroo dippiloomaasii, uummattootaa, Invastimantii, Aadaa, hawaasummaa, diinagdee fi Siyaasaa biyyoota lameenii waggoottan dheeraa lakkoofsise irratti ibsa laataniiru.

Hariiroo biyyoota lameenii cimsuuf hojiilee hedduun hojjetamuu kaasaniiru.

Bu’aan uummata biyyoota lameenii fayyadamoo taasisu dhufaa jiraachuu ibsuun ijaarsi buufata Laamuu xumuramuu, tajaajilli gumruukaa foddaa tokkoo Mooyaalee eegaluu, Saafaariikoomii fi dhaabbanni humna maddisiisaa Keeniyaa Keenjeen gara Ityoophiyaa seenuunii fi abbootiin qabeenyaa Ityoophiyaa Keeniyaatti hojiilee garaagaraarratti hirmaachaa jiraachuu eeruu isaanii ragaan Wajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.