Fana: At a Speed of Life!

Gabaasa waloo Aministii Intarnaashinaalii fi Dhaabbanni mirga namoomaa baasan irratti Mootummaan Ityoophiyaa ibsa laate

Finfinnee, Bitootessa 28, 2014 (FBC) – Gabaasa waloo Aministii Intarnaashinaalii fi Dhaabbanni mirga namoomaa baasan irratti Mootummaan Ityoophiyaa ibsa laateera.

Mootummaan qabiyyee gabaasa dhaabbileen kunneen walqaayit irratti baasan of eeggannoon qorachaa jiraachuu ibseera.

Gabaasichi dhimmoota of eeggannoon ilaalamuu qaban kanneen akka jijjiirama siyaasaa, nageenyaa, dhimma daangaa keessoo of keessatti kan haammate ta’uu hubachuun barbaachisaa akka ta’e ibsameera.

Gabaasichi himannaa yakkoota duguuggaa sanyii, yakka waraanaa fi himannaa yakkoota dhala namaarratti raawwatan kan dhiyeesse ta’uu eerameera.

Mootummaan Ityoophiyaa sarbama mirga namoomaa warren raawwatan hunda gaafatamaa taasisuuf qophii ta’uu ibsichaan eerameera.

Kanarraa ka’uun bu’aa qorannoo waloo Komishiniin Mirga Namooma Ityoophiyaa fi Waajjira olaanaa Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti hundaa’uun mootummaan Humna Waloo Hundeessu ibseera.

Humni walichaa walga’ii 2ffaa guyyaa har’aa gaggeesseen adeemsa qorannoo saffisiisuuf qajeelfama garaagaraa baasuu ibsameera.

Humni walichaa gabaasa kanaafis xiyyeeffannoo barbaachisaa kennuun dhiyeenyatti kan qoratu ta’uu eerameera.

Dhaabbileen lameen dhimmicha qorachuuf dhimmoota siyaasaa hedduu fayyadaman irratti mootummaan gaaffii dhiyeessuu ibsameera.

Dhimmoonni daangaa keessoo ilaalamuu kan qaban qaamolee aangoo heera mootummaa qabaniin ta’uu fi gabaasaaleen akka kanaa faayidaa siyaasaaf kan oolan ta’uu eerameera.

Gabaasichi of eeggannoo barbaachisaa ta’een raawwatamuu dhabuurra darbee fudhatama kan hin qabne ta’uu ibsameera.

Gabaasichi sabarratti xiyyeeffachuun isaa mootummaa kan yaachisu ta’uu ibsichaan eerameera.

Gabaasichi akkaataa miira kakaasuunii fi gabaasa miidiyaa hordofee dhiyaachuun qabiyyee fi amanamummaa argannochaa gaaffii keessa kan galchu ta’uu ibsameera.

Gabaasichi madaala kan hin eegne ta’uu ibsichaan kaafameera.

Gabaasichi yaadota furmaataa nageenyaaf hin fayyadne  ka’uus mootummaan himannaa yakkoota sarba mirga namoomaa gadi fageenyaan qorachuun bu’aa argmu uummataaf ifoomsuuf kutannoo qabu irra deebiin kan mirkaneessu ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.