Fana: At a Speed of Life!

Dhiyeessii fi tamsaasa elektirikaa teeknooloojii diijitaalaan deeggaruun barbaachisaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 28, 2014 (FBC) – Dhiyeessii fi tamsaasa elektirikaa teeknooloojii diijitaalaan haala to’achuu fi bulchuun danda’amurratti gama viidiyoo konfiransiin mariin taasifame.

Marichi mata duree “ Elektirikaa fi Inarjii Diijitaalaa” jedhamuun gaggeeffamuu eerameera.

Marichaan Ityoophiyaan dhiyeessii humna haaromsaa babal’isaa jiraattus dhiyeessiin, tamsaasnii fi to’annoon isaa teeknooloojiin kan hin deeggaramne ta’uu ibsameera.

Dhiyeessii elektirikaa gama diijitaalaan deeggaruunii fi fooyyessuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuun kan barbaachisu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Baayisaa Badhaadhaan ibsaniiru.

Tajaajila elektirikaa amanamaa fi maamilarratti xiyyeeffate kennuuf bulchiinsa humna diijitaalaa diriirsuuf ni hojjetama jedhaniiru.

Dhiyeessii humna elektirikaa keessaa %21 kan qisaasa’u ta’uu kaasuun rakkoo kana furuu fi sirni bulchiinsa humna elektirikaa ammayyaa’aan akka jiraatuuf hojiimaata diijitaalaa diriirsuun barbaachisaa ta’uu kaasuu isaanii ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.