Fana: At a Speed of Life!

Gaaffilee waltajjiiwwan uummataarratti ka’an deebisuuf hoggansi xiyyeeffannoo kennee hojjechuu qaba- Paartii Badhaadhinaa Naannichaa

Finfinnee, Bitootessa 28, 2014 (FBC) – Gaaffilee waltajjiiwwan uummataa naannichatti gaggeeffaman irratti ka’an deebisuuf hoggansi xiyyeeffannoo kennee hojjechuu akka qabu Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Naannoo Hararii hubachiise.

Yaa’ii paartichaan booda mariiwwan uummataa gaggeeffaman irratti gaaffiiwwan ka’an ka’umsa godhachuun karoora guyyoota 100rratti hoggansa naannichaa waliin mariin gaggeeffameera.

Gaaffiiwwan qaala’iinsa jireenyaa, rakkoolee bulchiinsa gaarii, kenniinsa tajaajilaa, misoomaa fi kanneen biroorratti ka’an ka’umsa karoorichaa ta’uun fudhatamuu ibsameera.

Guyyoota ittaananitti tarkaanfiiwwan seeraa cimsuun hojiilee rakkoo dhiyeessii gabaa fi qaala’iinsa jireenyaa sirreessuu danda’an hojjechuun kan barbaachisu ta’uu yaadachiifameera.

Carraa hojii uumuu fi hojiilee misoomaa eegalaman xumursiisuurratti xiyyeeffannoon kennamee kan hojjetamu ta’uu eerameera.

Kenniinsa tajaajilaa hannaarraa bilisa taasisuun itti quufiinsa tajaajilamtootaa guddisuun barbaachisaa ta’uu himameera.

Hooggansi gaaffilee uummanni kaase deebisuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechuu akka qabu ibsamuu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.