Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Somaaliyaa adeemsa filannoo biyyichaaf xumura akka barbaadan gaafataman

Finfinnee, Bitootessa 28, 2014 (FBC) – Hoggantoonni Somaaliyaa mariin adeemsa filannoo biyyichaaf xumura akka barbaadan dhaabbileen idil addunyaa gaafatan.

Teessoon Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa biyyichaa % 91 ta’u filatamtootaan qabamuu isaatti Gamtaan Afrikaa, Gamtaan Awurooppaa fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii dinqisiifataniiru.

Teessoowwan hafanis yeroo gabaabaa keessatti ni guutamuun amantaa qaban ibsaniiru.

Naannoleen adeemsa filannoo mana marichaa hin xumurre lama yoo ta’an isaanis Hiirishaabeelee fi Juubaalaand ta’uu ibsameera.

Hoggantoonni biyyichaa sagalee uummanni naannolee kanneenii laatan ilaalcha keessa galchuu akka qabanii fi mariin adeemsa filannichaaf xumura akka laatan dhaabileen kunneen gaafachuu Shiiniwaan gabaaseera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.