Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti gaaffilee uummatarraa ka’an deebisuuf gara hojiitti galamuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 28, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti mariiwwan uummata waliin taasifamaa turaniin gaaffilee waqtaawoo fi barbaachisoo uummatarraa ka’an qophii addaa taasisuun yeroo gabaabaa keessatti deebisuuf gara hojiitti galuu bulchiinsi magaalichaa ibseera.

Gaaffileen waltajjiiwwan uummataarraa ka’an deebii akka argataniif  karoorri baatiiwwan 3 hafanii irra deebiin ilaalamuun gara hojiitti galamuu ibsameera.

Qaala’iinsa jireenyaa ilaalchisee rakkoo jiru salphisuuf hojiilee karoorfaman hordofuu fi bu’aa qabeessa taasisuu, hojii dhabdummaa fi qonna magaalaa dabalatee dhimmoota hawaasummaa waliin walqabatan irratti hoggansi deeggarsa akka taasisu murtaa’uu eerameera.

Komiiwwan uummataa furuuf sadarkaa kutaa magaalaarraa hanga aanaatti torbanitti guyyaa 2 Roobii fi Jimaata guyyaa guutuu hoggansi tajaajila uummataaf dursa akka kennuuf murtoon darbee gara hojiitti galamuu ibsameera.

Hawaasni magaalichaa murtoowwan bulchiinsi magaalichaa dabarse galma akka ga’aniif deeggarsa barbaachisaa akka taasisu gaafatamuu ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.