Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 36 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Bitootessa 27, 2014 (FBC)– Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 36 vaayrasii koroonaan qabamaniiru.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 5,584 gaggeeffameen vaayrasichi namoota 36 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 1,010 dandamataniiru.

Vaayrasichi yeroo ammaa namoota 11,944 irratti argama.

Namoonni 15 wallaansa cimaa keessatti argamu.

lubbuun nama darbe kan hin jirre ta’uu gabaasi Ministeera Fayyaa ni muu’isa.

Waliigala lubbuun namoota 7,508 darbeera.

Hanga ammaatti namoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 69 fi 879 qabamaniiru.

Namoonni 24,534,697 talaallii fudhataniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.