Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan miseensoota Boordii Faawundeeshinii Biig Wiin waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 29, 2012 (FBC) – Itti Aanaan Muummee Ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makkoonnin miseensoota boordii Faawundeeshinii Biig Wiin waliin mari’ataniiru.

Hanga bara 2030tti tattaaffii Ityoophiyaan rakkoo quucaruu hamsiisuuf taasisaa jirtuuf deeggarsa faawundeeshinichi godhe obbo dammaqaan galateeffataniiru.

Faawundeeshiniin Biig Wiin guddina diinagdee biyyattiin galmeessaa jirtuu fi dargaggootaaf carraa hojii uumuuf sochii fi deeggarsa taasisaa jiru obbo Dammaqaan dinqisiifataniiru.

Miseensoonni faawundeeshinichaas gama isaaniin, jijjiirrama hunda galeessa mootummaan Ityoophiyaa taasisaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu ibsaniiru.

Biyyattiitti bu’aan hiikoo qabu akka galmaa’uuf deeggarsa barbaachisu itti fufiinsaan kan taasisan ta’uu mirkaneessuu isaanii ragaan Waajjira Itti Aanaa Muummee Ministiraa FDRI irraa argame ni agarsiisa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.