Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awurooppaa qorattoota yakka waraanaa gara Yuukreenitti erguuf ta’uu gabaafame

Finfinnee, Bitootessa 27, 2014 (FBC) – Gamtaan Awurooppaa yakka waraanaa magaalaa Buuchaatti raawwate qorachuuf garee qorattoota yakka waraanaa  gara Yuukreenitti erguuf ta’uu gabaafameera.

Preezdaantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Ursuulaa Voondeer Preezdaantii Yuukreen Viloodmiir Zalaniskii waliin bilbilaan erga mari’atanii booda yakka waraanaa magaalaa Buuchaatti raawwatameera jedhame qorachuuf garee qorattootaa kan ergan ta’uu ibsaniiru.

Gamtichi himata Yuukreen deeggaruun garee qorattootaa gara naannichaatti erguun yakka waraanaa raawwatame qulqulleeffachuu fi kutaalee hawaasaa miidhaman deeggaruuf sochii eegaluu kaasaniiru.

Keev yakkichi kan raawwatame loltoota Raashiyaatiini yoo jettu Raashiyaan gama isheetiin loltoonni koo hin raawwanne jechuun haalteetti.

Raashiyaan Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii gochicha gama qaama walabaan akka qoratuu fi qulqulleeffatuuf  waamicha taasisuun ishee ni yaagdatama.

Maddi:-RT

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.