Fana: At a Speed of Life!

Uffataaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 1olitti tilmaamaman to’annaa jala oolu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 27, 2014 (FBC) – Uffataaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 1 fi kuma 200 olitti tilmaamamu to’annoo jala ooluu Komishiniin Gumurukaa Ityoophiyaa Damee Hawaasa Buufata Ciicuu beeksise.

Uffataaleen kontiroobaandii to’annoo jala ooles  kiiloo Giraama kuma 10 fi 931 ulfaatu ragaa sobaa fayyadamuun gara gidduu galeessaa biyyaatti galchuuf osoo yaalanii qaamolee nageenyaatin to’annoo jala ooluu itti aanaan buufatichaa komaandaar Masqalee Aragawu himan.

Uffataaleen kontiroobaandii to’ataman kunis konkolaataa lakkoofsa Gabatee -3 09117 Et ta’een Bulee Horaarraa gara gidduu galeessaa biyyaa osoo deemaa jiru to’atamuu himaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.