Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan 8 darbanitti daldala alaarra galiin doolaarri biiliyoonni 2.52 argame

Finfinnee, Bitootessa 27, 2014 (FBC) –Baatiwwan 8 darbanitti daldala alaarraa galiin Doolaarri Ameerikaa Biiliyoonni 2.52 argamu Ministeerri Daldalaa fi Hariiroo Naannawaa beeksiseera.

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa yaa’ii idilee 5ffaa gaggeesseen raawwii karoora Ministeera Daldalaa fi Hariiroo Naannawaa gamaaggameera.

Gabaasaa raawwii karoorichaa kan dhiyeessan Ministirri Ministeera Daldalaa fi Hariiroo Naannawaa Gabramasqaal Caalaa, baatiwwan saddeet darbanitti galiin doolaarri Ameerikaa biiliyoonni 2.52 argamu himaniiru.

Baatiwwan kanneenitti damicharraa galii doolaara Ameerikaa biiliyoona 2.77 argachuuf karoorfamee akka ture ibsaniiru.

Karoorichi %91 galmaan ga’uun danda’aameera jedhan.

Oomishaalee qonnaarra doolaarri biiliyoona 1.75, indastiriirra miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 20.9, damee Albuudaarra doolaara miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 89 akkasumas dameewwan biroorraa galiin doolaarri Ameerikaa biiliyoonni 2.52 argamu himaniiru.

Galichi yeroo walfakkaataan kan bara darbeen walbira qabamee yoo ilaallamu %20 caalmaa agarsiisuu TOI gabaaseera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.