Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti baatiiwwan 6n darbanitti galiin Birrii biiliyoona 21.53 walitti qabame

Finfinnee, Amajjii 29, 2012 (FBC) – Abbaan Taayitaa Galiiwwanii Finfinnee baatiiwwan 6n darbanitti taaksii kallattii fi al kallattiirraa Birrii biiliyoona 21.53 walitti qabuu beeksise.

Abbaan taayitichaa baatiiwwan 6n darbanitti Birrii biiliyoona 23.79 walitti qabuuf karoorfatee, % 94.46 walitti qabuu isaa ibseera.

Galiin argame kun kan bara darbee yeroo walfakkaatun yeroo madaalamu Birrii biiliyoona 2.58 caalmaa qaba jedhameera.

Bara kana bulchiinsa magaalaa Finfinneetti taaksii kallattii fi al kallattiirraa Birrii biiliyoona 37.6 walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ragaan abbaa taayitichaarraa argame ni agarsiisa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.