Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad Waliigaltee humnoota Sudaan Kibbaa gidduutti raawwatame dinqisiifatan

Finfinnee, Bitootessa 26, 2014 (FBC) –Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Waliigaltee humnoota Sudaan Kibbaa gidduutti raawwatame dinqisiifataniiru.

Hoggantoonni humnoota Sudaan Kibbaa dhiyeessii waraanarratti waliigaltee malee yeroo dheeraa turan guyyaa kaleeessaa waliigalaniiru.

Waliigaltee kana hordofee Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dinqisiifannaa qaban ibsaniiru.

Ityoophiyaan yeroo kamiiyyuu Sudaan Kibbaa cinaa kan dhaabbattu ta’uu mirkaneessaniiru.

Biyyattiitti nageenyaa fi misooma waaraa mirkaneessuuf tattaaffii taasiifamu Ityoophiyaan kan tumsitu ta’uus eeraniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.