Fana: At a Speed of Life!

Yuukreen ifatti Diina Raashiyaa ta’uu ishee agarsiifte – Diimitirii Peeskoov

Finfinnee, Bitootessa 25, 2014 (FBC) – Yuukreen Diina Raashiyaa bara dheeraa ta’uu ishee ifatti agarsiifte jedhan Dubbii Himaan Kireemliin Diimitirii Peeskoov.

Yuukreen nageenyaa fi birmadummaa Raashiyaaf biyya sodaa taate, yeroo ammaa ammoo Diina ta’uu ishee ifatti agarsiifteerti jedhan.

Yuukreen Naaziwwaniin kan michoomte, Miidiyaalee Raashiyaa guutumaa guutuutti kan uggurtee fi Afaan Raashiyaa afaan hojii ala kan taasiifte ifatti Diina Raashiyaa fi lammiilee Raashiyaati jedhan Diimitiriin.

Biyya yakkoota biyyoota Lixaa dhoksan keessaa Yuukreen biyya tokko ta’uu ishee eeraniiru.

Yuukreen NATO Ameerikaan durfamu Heera mootummaa keessatti hammachiisuuf fedhii qabaachuu ishee kan eeran dubbi himichi, Qindoomniin NATO fi Kiyev ammoo Raashiyaaf sodaa nageenyaa olaanaa ta’anii turuu isaanii himaniiru.

Kaayyoon duula waraanaa Raashiyaan Yuukreenitti taasiisaa jirtu meeshaalee waraanaa biyyattii barbadeessu malee Yuukreen barbadeessuuf akka hin taane ibsuu isaanii RTagabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.