Fana: At a Speed of Life!

Waldaalee xixiqqaa gara guddattuu giddu galeessaatti cee’aniif badhaasnii fi beekkamtiin laatame

Finfinnee, Bitootessa 25, 2014 (FBC) – Biiroon carraa hojii uumuu fi ogummaa Oromiyaa Sirna cee’umsa waldaalee IMX marsaa 12ffaan sadarkaa naannoo Oromiyaatti dhaadannoo”ce’umsi Intarpiraayizoota keenyaa Badhaadhina waloof”jedhuun bulchiinsa magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jira.

Waldaalee xixiqqaa gara guddattuu giddu galeessaatti cee’an baay’inni isaanii 740 gahan guyyaa har’a sirni badhaasaa fi beekkamtiin bakka Preezdaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi Anga’oonni olaanoo argamanitti gaggeeffamaa jira.

Kana malees, Baazaarii fi Egzibishiniin argarsiisa oomishaalee waldaalee fi bulchiinsa magaalotaa hirmaachisuun gaggeeffamaa tures guyyaa har’aa xumurameera.

Leensaa Dirribaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.