Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii Miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 71 olitti tilmaamaman to’annaa jala oolan

Finfinnee, Bitootessa 24, 2014 (FBC)- Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii Miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 71 olitti tilmaamaman  to’annaa jala ooluu Komishinii Gumurukaa beeksiseera.

Meeshaaleen kunneen baasii fi galii ta’uus ibsameera.

Komishinichi tibba darbe hordoffii taasiseen meeshaalee galii Birrii miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 66 fi kumni dhibbi 1 kumni 94 to’aamuu ibseera.

Akkasumas meeshaaleen kontiroobaandii gara biyya alaatti baafamaan Birrii miiliyoona 5 fi kuma dhibba 2 kuma 26tti tilmaamaman dameewwan wajjiraaleessaa garagaraatti to’achuu beeksiseera.

Meeshaalee kanneen daddabarsaa kan turan namoonni 8 ol to’annaa jala oolus ibsameera.

Meeshaalee to’annaa jala oolaan keessaa uffataalee, boba’aa, horii dhaabbii, elektirooniksii, bunaa, qorichaa, konkolattoota, meeshaalee faayaa, meeshaalee waraanaa, akkasumas baala sammu namaa hadoochuu fi maallaqoonni biyyoota garagaraa keessaatti hammatamuu ragaan komishinii Gumurukaarra argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.