Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti tattaaffiin deeggarsa namoomaa dhiyeessuu fi nageenya mirkaneessuuf taasifamu kan dinqisiifatamu ta’uu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 23, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti tattaaffiin deeggarsa namoomaa dhiyeessuu fi nageenya mirkaneessuuf taasifamu kan dinqisiifatamu ta’uu Gamtaa Awurooppaatti ergamtuun addaa Gaanfa Afrikaa Dooktar Aaneetee Weebar ibsan.

Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonnin Gamtaa Awurooppaatti ergamtuun addaa Gaanfa Afrikaa Dooktar Aaneetee Weebar waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniin haala yeroo Ityoophiyaa keessumaa deeggarsa namoomaa naannoo Tigraay, dhimmoota ji’oopolatikaa fi dhimmoota waloorratti mari’achuu ibsameera.

Naannoo Tigraayitti deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf jecha murtoon walitti bu’iinsa dhaabuu darbuun naannichatti lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadaniif deeggarsa waliin gahuuf kan gargaaru ta’uu obbo Dammaqaan ibsaniiru.

Murtoo walitti bu’iinsa dhaabuu mootummaan dabaseen cinaatti konkolaattonni Sagantaa Nyaata Addunyaa deeggarsa namoomaa fe’an 22 gara naannoo Tigraay seenaa jiraachuu addeessaniiru.

ABUT sababa tarreessuu itti fufuun isaa kan isaan yaaddesse ta’uu kaasuun hawaasni idil addunyaa hidhattoonni ABUT murtoo walitti bu’iinsa dhaabuuf akka bitamaniif dhiibbaa akka taasisan gaafataniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.