Fana: At a Speed of Life!

Korichi bu’aa qormaata kutaa 12ffaa bara 2013 ilaalchisee qooda fudhattoota waliin mari’ate

Finfinnee, Bitootessa 23, 2014 (FBC) – Mana Maree Bakka Bu’oota Ummaatatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota misooma qabeenya namaa, bobbii hojii fi teeknooloojii bu’aa qormaata kutaa 12ffaa bara 2013 ilaalchisee qooda fudhattoota waliin mari’ateera.

Dhaabbileen barnootaa olaanaan madda Imaammataa fi Tarsiimoo ijaarsa biyyaa,bakka dhaaloonni egeree biyyaa itti oomishamu ta’uu isaaniin dandeettii isaanii cimsuu fi amanamummaa isaanii guddisuuf dursi itti laatamee hojjetmuu akka qabu walitti qabaan korichaa Dooktar Nagarii Leencoon ibsaniiru.

Miseensonni Mana marichaa hawaasa bakka bu’anii dhufanirraa adeemsa fi nageenya kenniinsa qormaataa fi soroorsuu ilaalchisee gaaffii fi yaada ummataarraa ka’e dhiyeessuun qooda fudhattoota waliin mari’ataniiru.

Rakkoolee adeemsa qormaata baasuu hanga bu’aa qormaataa bara barnootaa 2013 jiran furuuf  Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa, Raayyaa Ittisaa, Poolisii Fedeeraa, Qaamolee nageenyaa naannolee fi Biiroolee barnootaarraa koree hundaa’e waliin hojjetamaa turuu Ministir Deetaan Ministeera Barnootaa Dooktar Saamu’eel Kifleen ibsaniiru.

Bu’aa qormaataa marsaa 1ffaa laatame keessatti qormaanni gosa barnootaa Siiviikii dursee ba’eera jechuun komii dhiyaate hordofee ragaa quubsaan argamuu isaan bu’aan qormaatichaa akka haqamu taasiifamuu Dooktar Saamu’eel ibsaniiru.

Gaaffiilee fi komii turan irratti iftoomina uumuuf hoggantoota siyaasaa fi Biiroolee naannoleerra walitti babba’an waliin marii taasiifameen adeemsa qormaata soroorsurratti rakkoon kan hin turre ta’uu irratti waliigalamuu Daayreektarri Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataa obbo Tafarii Fayyisaan ibsa taasiisaniiru.

Ammas qaamni bu’aa qormaataa fi adeemsa sirreessurratti gaaffii qabu yoo jiraate keessummeessuu fi iftoomina uumuun kan danda’amu ta’uu Ministeera Barnootaatti Ministir Deetaan Damee Barnoota waliigalaa Dooktar Faantaa Maandafiroon ibsuu isaanii ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.