Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan yaa’ii Mana Maree Paarlaamaa biyyoota Afrikaa, Kaariibiyaanii fi Paasiifik 60ffaarratti hirmaachaa jirti

Finfinnee, Bitootessa 23, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan yaa’ii Mana Maree Paarlaamaa biyyoota Afrikaa, Kaariibiyaanii fi Paasiifik 60ffaarratti hirmaachaa jiraachuu ibsame.

Ityoophiyaan yaa’ii Mana Maree Paarlaamaa biyyoota Afrikaa, Kaariibiyaanii fi Paasiifik 60ffaa Faransaayitti gaggeeffamurratti hirmaachaa jiraachuu ibsameera.

Jilli Olaanaan Afyaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasaa Caafoon durfamu yaa’icharratti hirmaachuu himameera.

Dhaabbatichi yaa’icha gaggeessaa kan jiru dhimmoota nageenyaarratti  bu’aawwan  walga’ii koreewwan garaagaraan adeemsifamuun  argamanirratti ta’uu eerameera.

Haala dhiibbaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuun danda’amurrattis mari’achuu kaafameera.

Ityoophiyaan dhaabbatichaa guddisuuf, si’ataa taasisuu fi loogiirraa bilisa taasisuuf ga’ee ishee kan ba’attu ta’uu obbo Taaggasaan eeraniiru.

Koreen dhimmoota Siyaasaa dhaabbatichaa kanaan dura walga’ii qophii gaggeessuu fi Walitti qabaan koree dhaabbii dhimma alaa Bakka Bu’oota Uummataa Dooktar Diimaa Nagawoon haala yeroo Ityoophiyaarratti miseensota yaa’ichaaf ibsa taasisuu eerameera.

Yaa’ichi ka’umsa weerara vaayrasii koroonaan booda yeroo jalqabaaf gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Dhaabbatichi biyyoota Afrikaa, Kaaribiyaa fi Paasiifik 79 miseensummaan kan of keessatti qabatu yoo ta’u teessoon isaa Braasals ta’uu yaadachiifameera.

Ityoophiyaanis biyyoota hundeessitoota dhaabbatichaa keessaa ishee tokko ta’uun ni beekama.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.