Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaa tapha guutuu Oromiyaa 26ffaaf qophiin xumurame

Finfinnee, Amajjii 29, 2012 (FBC) – Shaampiyoonaan tapha guutuu Oromiyaa 26ffaan Bitootessa 6-21,2012tti magaalaa Sabbataatti ni gaggeeffama.

Shaampiyoonaa kanaaf qophiin barbaachisu xumuramuu ibsameera.

Tapha kana irraatti Ispoorteessitootni kuma 5 hanga kuma 6 ta’an ni hirmaatu jedhameera.

Akkasumasa ogeeyyiin ispoortii kumni 1 ol tapha kana irratti ni argamu jedhame.

Akka ragaan Bulchiinsa Magaalaa Sabbataarraa argame kka mul’isutti iddoowwan tapha kanaaf barbaachisanii fi dirreewwan ispoortii haalan qophaa’ee jira jedhame.

Shaampiyoonaan tapha guutuu Oromiyaa 25ffaan magaalaa Naqamteetti gaggeeffamuun isaa kan yaadatamudha.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.