Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Nageenyaa Somaaliyaatti humni nagaa kabachiisaa haaraan akka bobba’u murteesse

Finfinnee, Bitootessa 23, 2014 (FBC) – Manni Maree Nageenyaa Somaaliyaatti humni nagaa kabachiisaa haaraan akka bobba’u murteesse.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Manni Maree Nageenyaa Somaaliyaatti humni nagaa kabachiisaa haaraan akka bobba’u sagalee guutuun murteesseera.
Humni haaraan ‘ATMIS’ jedhamee waamamu Somaaliyaatti waggaa 15 booda guyyaa kaleessaa yeroo turtii isaa kan xummure Amisoom bakka kan bu’u jedhameera.
Kanaanis loltuun seera kabachiisaa Gamtaa Afrikaa ergama haaraa jalatti bakka bu’uun baatiwwan dabalataa 33’f kan turu ta’uu himameera.
Maddi:-CGTN
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.