Fana: At a Speed of Life!

Humna Eeggataa Gaanfa Afrikaa cimsuuf waamichi dhiyaate

Finfinnee, Bitootessa 23, 2014 (FBC) – Humni Eeggataa Gaanfa Afrikaa dandeettii nageenyaa naannawichaa madaalu qabaachuun akka irra jiraatu ibsame.

Itaamaajoorshuumiin Humna Waraanaa Waliigalaa  Ityoophiyaa fi Dura taa’aan koree Intaamaajoorshuumiiwwanii Humna Waraanaa Baha Afrikaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan haasaa Keeniyaa Naayiroobiitti taasisaniin Humni Eeggataa Baha Afrikaa dandeettii fi qophaa’ummaa haala nageenyaa naannawichaa madaalu akka qabaatu taasisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Fiild Maarshaal Birhaanuun xumura leenjii humnichaa torbanoota lamaaf gaggeeffamaa turerratti argamuun haasaa taasisaniiru.

Ityoophiyaan humna Eeggataa Gaanfa Afrikaaf deeggarsa barbaachisu kan taasistu ta’uu ibsuun biyyoonni miseensonni kutannoo siyaasaa fi deeggarsa taasisan akka guddisan gaafataniiru.

Biyyoonni miseensonni leenjifamtoota bobbaasuun ga’ee ba’ataniif galateeffataniiru.

Daayrektarri Seekreeteeriyaatii Humna Eeggataa Baha Afrikaa Birgaadeer Jeneeraal Geetaachaw Shiifarraw gamasaaniin muuxannoon leenjiin argame dandeettii humnichaa  guddisuuf ga’ee olaanaa qabaachuu himaniiru.

Leenjii koomaand Poostii kanarratti humnoonni ittisaa, Poolisii fi qaamoleen siiviilii Ityoophiyaa, Keeniyaa, Sudaan, Ugaandaa, Ruwaandaa, Burundii, Jibuutii, Somaaliyaa, Siishalsii fi Koomooroos argamuu dhaabbatichi ibsa Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif ergeen addeesseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.