Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaa Wuhaanii, Finfinnee kan galan wiirtuu tursaa akka seenan murtaa’e

Finfinnee, Amajjii 29, 2012 (FBC) – Chaayinaa bulchiinsa Wuhaanii imaltoonni Finfinnee galan hundi wiirtuu tursaa akka seenan murtaa’e.

Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa akka beeksisetti amma ammaatti eeruun 29 isa qaqqabeera.

29 keessaa 14 shakkamanii samuudaan isaanii qorannaa dabalataatif gara Afrikaa Kibabaa ergameera.

Kudha arfanis wiirtuu tursaa galaniiru.

Daayreektarri inistiitiyuutichaa Dooktar Ebbaa Abaataan ibsa laataniin, samuudaa namoota 11 ergamee 8 bilisa ta’uun kan barame yoo ta’u, kan 3 eegamaa jira.

Guyyootii itti aananittis samuudaan 3 qorannaa dabalataatif gara Afrikaa Kibbaa kan ergamu ta’a.

Koroonaan shakkamuun samuudaan isaanii kan ergame keessaa 5 Ityoophiyaanota yoo ta’an, 1 lammii Chaayinaati.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.