Fana: At a Speed of Life!

Asallaa fi Itayyaatti ijaarsa madda annisaa hurkaaf waliigalteen Doolaara miiliyoona 100 mallatteeffame 

Finfinnee, Bitootessa 21, 2014 (FBC)- Asallaa fi Itayyaatti ijaarsa madda annisaa hurkaa meegaa waattii 50 maddisiisuuf waliigalteen Doolaara miiliyoona 100 mallatteeffame.

Waliigalticha kan mallatteessan dhaabbata Tulluu Mooyyee fi Korporeeshinii Miistibuushii yoo ta’u proojektichi deeggarsa maallaqaa mootummaa Faransaayirraa argameen ta’uu ibsameera.

Maddi anniisaa hurkaa faalama naannoo kan hin qaqqabsiisne, barbaadamummaan isaa guddaa ta’uu fi Ityoophiyaanis damicharratti hojjechuu akka qabdu ibsameera.

Ityoophiyaan annisaa hurkaa bal’inaan fayyadamuu kan barbaaddu ta’uu fi filannoowwan madda annisaa babal’isuuf mootummaan kutannoo qabaachuu Ministirri Ministeera Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaa ibsaniiru.

Damee dhiyeessii anniisaarratti hirmaannaan damee dhuunfaa kan barbaachisu ta’uu fi mootummaan deeggarsa taasisuuf qophii ta’uu kaasaniiru.

Alamsaggad Asaayyeetu gabaase.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.