Fana: At a Speed of Life!

Waldhabdee Yuukreenii fi Raashiyaan walqabatee qoqqobbii Ameerikaan Raashiyaarra keesse Raashiyaa fi Chaayinaan balaaleffatan

Finfinnee, Bitootessa 21, 2014 (FBC)- Waldhabdee Yuukreenii fi Raashiyaan walqabatee qoqqobbii Ameerikaa fi biyyoonni Raashiyaarra kaa’an Raashiyaa fi Chaayinaan balaaleffatan.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yuun qoqqobbii Ameerikaa fi biyyoonni lixaa Raashiyaarra kaa’an balaaleffataniiru.

Qoqqobbii Ameerikaa fi biyyoonni lixaa Raashiyaarra kaa’an seeraan alaa fi fudhatama kan hin qabnedha jechuun Sargee Laavroov balaaleffataniiru.

Ministiroonni Ministeera Dhimmota Alaa biyyoota lameenii dhibba waldhabdee Raashiyaa fi Yuukreen irratti bal’inaan mari’achuu fi duula waraanaa Keeyiv irratti gaggeeffamaa jiru ilaalchisee Sargee Laavroov gitasaaniif ibsa taasisaniiru.

Ministiroonni Ministeera Dhimmoota Alaa biyyoota  lameenii Raashiyaa fi Chaayinaan hariiroo tarsiimawaa isaanii cimsanii kan itti fufan ta’uu fi waltajjii idil addunyaarratti sagalee isaanii tokkummaan dhageessisuuf waliigaluu ibsaniiru.

Imaammata Alaa, hariiroo gam-lamee fi dhimmoota biyyoota biroo waliin qabanirratti qindoominaan hojjechuu fi michummaa isaanii cimsuuf waliigaluu Za Naashinaal gabaaseera.

Ministiroonni Ministeera Dhimmoota Alaa biyyoota lameenii Baha Chaayinaa Anhuuyitti waliin mari’ataniiru.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.