Fana: At a Speed of Life!

Naannoleen Ollaa shan Indaastirii Turiizimiirratti qindoominaan hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Bitootessa 21, 2014 (FBC) – Naannoleen Ollaa 5 Indaastirii Turiizimiirratti qindoominaan hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessaniiru jedhame.
Naannoleen Oromiyaa, Afaar, Somaalee, Hararii fi Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dawaa indaastirii Tuurizimii Baha Ityoophiyaarratti qindoominaan hojjechuun damicha daraan cimsuuf Magaalaa Hararitti sanada waliigaltee mallatteessaniiru.
Sagantaa kana irratti Hoggantoonni Biiroolee Aadaa fi Turiizimii Naannolee shanii fi qooda fudhattoonni hirmaataniiru.
Kaayyoon waliigaltichaa ijoon tarsiimawaa guddina turiizimii sarara bahaa qindoominaan qorachuu, misoomsuu fi beeksisuun yaa’insa turistii dabaluu irratti kan xiyyeeffatedha jedhame.
Gama biraatiin odeeffannoowwan qindaa’aa sararicha karaa guutuu ta’een waljijjiiruu fi nageenya turistootaa eeguuf kan waliin hojjetamu ta’uus eerameera.
Sarara turizimii bahaa iddoolee ga’umsa turiizimii gurguddaa hedduu kan qabu yoo ta’u, qixa qabeenya qabuun indaastirii kana irraa fayyadamaa akka hin jirre marii kanaan ka’eera.
Naannoleen ollaa kunneen walitti dhufeenya hawaasummaa cimaa kan qabanii fi gama turizimiinis qindoominaan hojjechuun fayyadamummaa diinagdee isaanii cimsuuf waliigalamuu ragaan Biiroo Aaadaa fi Tuuriizimii Oromiyaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.