Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Ministiroota Barnootaa biyyoota miseensota IGAD gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 21, 2014 (FBC)- Yaa’iin Ministiroota Barnootaa biyyoota miseensota Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa( IGAD) 3ffaan  magaalaa Finfinneetti gaggeeffame.

Yaa’icharratti Barreessaa olaanaa IGAD Dooktar Warqinaah Gabayyahu dabalatee Ministirri Ministeera Barnootaa Proofeesar Birhaanuu Naggaa fi Ministiroonni Ministeera Barnootaa biyyoota Miseensa dhaabbatichaa argamaniiru.

Yaa’ichi barnoota hirmaachisaa fi qulqullina qabu baqattootaa fi warreen godaansarraa deebi’aniif waliin ga’uu akkasumas hawaasa baqattoota simatee  haala mijataa uumuurratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.

Yaa’icharratti Ministira Ministera Barnootaa Ityoophiyaa dabalatee Ministiroonnii fi bakka buutonni Ministeera Barnootaa Jibuutii, Keeniyaa, Soomaaliyaa, Sudaan Kibbaa, Ugaandaa fi Sudaan hirmaataniiru.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.