Fana: At a Speed of Life!

Daldaltoota seeraan alaa gatii hin mallee dabalan qaamoolee nageenyaa waliin ta’uun saaxiluun barbaachisaadha- obbo Fiqaadu Tasammaa

Finfinnee, Bitootessa 20, 2014 (FBC) – Daldaltoota seeraan alaa gatii hin mallee dabalan qaamoolee nageenyaa waliin ta’uun saaxiluun barbaachisaa ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa fi Miseensi Koree Hojii Raawwachiistuu Paartii Badhadhinaa obbo Fiqaadu Tasammaa ibsan.

Mariin  uummataa tibba darbee taa’ame murtoo yaa’ii 1ffaa Paartii Badhaadhinaa bu’uureeffachuunii fi yaada uummataa dhaggeeffachuuf ta’uu ibsaniiru.

Yaa’ii 1ffaan yeroo garaagaraatti gaggeesssuuf karoorfamus sababa koronaa, filannoo Biyyaalessaa maraaa 6ffaa fi waraana birmadummaa biyyattiin keessa galteerraa kan ka’e yeroo qabametti gaggeeffamuu dhabuu himaniiru.

Marichi qaamolee hawaasaa hedduu hirmaachisuu fi uummannis yaada ijaarsa gaggaarii ifatti kaasuu dubbataniiru.

Dhimmoonni ijoon ummanni kaase rakkoo nageenyaa, qaal’iinsa jireenyaa, hanqina kenniinsa tajaajilaa, hojii dhabdummaa fi invastimantii ta’uu eeraniiru.

Rakkoolee kanneen furuuf qaamoolee nageenyaa, qooda fudhattootaa fi uummata hirmaachisuun kan hojjatamu ta’uu himaniru.

Waraanni Rashiyaa fi Yuukreen qaala’iinsi gabaarratti dhibbaa guddaa uumuu fi uummanni qaala’iinsa gabaa dabalaa jiru hubachuun oomishaa fi oomishtummaa dabaluun fala waaraa ta’uu kaasaniiru.

Keessattuu yaaddoo hanqina xaa’oo mudatuuf kompoostii tajaajilamuu fi aadaa qusannaa gabbifachuun dirqama ta’uu himaniiru.

Daldaltoota seeraan alaa gatii hin mallee dabalan qaamoolee nageenyaa waliin ta’uun saaxiluun barbaachisaadha jedhaniiru.

Rakkoo kenniinsa tajaajilaa hiikuuf seektaroota tajaajilli uummataa itti baayyatu addaan baasuun, tajaajila si’ataa akka kennan gochuuf leenjii fi teknooloojiin deeggaramuun sirni hordoffii kan cimsamu ta’uu himaniiru.

Hojii dhabdummaa akka naannoo Oromiyaatti jiruu hiikuuf, aadaa hojii tuffachuu kessaa ba’uun, hawwii biyya hambaa fi dhiyaana galaanaa ta’uurra, qabeenya uumamaa qabnuurratti hojjachuu, Invastimantii baballisuu fi kanneen hojiitti hin gallee hojiitti galchuun murteessaadha jedhaniiru.

Rakkoolee eeraman kanneen furuuf caasaan sadarkaa sadarkaan jiruu fi uummanni gurmaa’ee, rakkoo jiru adda baasuun karooraan irratti hojjachuu fi  uummanni rakkoolee jiran hunda mootummaatu hiika ilaalcha jedhuu kessaa bahee tumsuu akka qabu dhaamuu isaanii OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.