Fana: At a Speed of Life!

Boordichi komiiwwan paartilen siyaasaa dhiyeessaniif garee qorannoo hundeessuun qorannoo bal’aa gaggeessuu ibse

Finfinnee, Bitootessa 20, 2014 (FBC)- Boordiin Filannoo Biyyoolessaa komiiwwan paartilen siyaasaa labsii yeroo hatattamaa fi dhimmoota garaagaraa waliin walqabatee  dhiyeessaniif garee qorannoo hundeessuun qorannoo bal’aa gaggeessuu ibse.

Boordichi paartilee siyaasaa waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’achaa jira.

Boordichi komiiwwan paartilee siyaasaan dhiyaatan bu’uureffachuun bakkeewwan rakkoon uumameera jedhamanitti socho’ee qorannoo taasisuun furmaanni seera qabeessa hojiirra oolchuu gabaasaan dhiyeesseera.

Haaluma kanaan komiiwwan gama ABO fi KFOn ka’an fudhachuun misensota paartilee kanneenii naannoo Oromiyaa manneen hidhaa garaagaraa keessatti hidhamaniiru jedhaman bakkichatti argamuun qorannoo taasisuu ibsuun hojiimaanni seera qabeessi akka hojiirra oolu gochuun furmaata itti kennuu eereera.

Hayyu dureen ABO obbo Daawud Ibsaan hidhaa dhaabbii keessa turuu mirkaneessuun mirgi socho’uu isaanii akka eegamuufiif murtoon boordichi dabarse hojiirra ooluu fi Obbo Daawud boordichatti argamuun hojjettoota boordichaa haasofsiisanii turuu yaadachiiseera.

Komiiwan paartilee siyaasaa hafaniif furmaata laachuuf hojjechaa jiraachuu kaasuun dhimmoonni paartii biyya bulchurraa deebii hatattamaa barbaadan deebiin akka itti laatamu yaadachiisera.

Deeggarsa maallaqaa mootummaan bara kana paartilee siyaasaaf taasisee fi muuxannoo paartilee siyaasaa yaa’ii waliigalaa gaggeessanii gaggeessan irratti mari’atameera.

Fireehiywoot Saffiiwutu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.