Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan ilaalchi biyyoonni lixaa qabiinsa mirga namoomaarratti qaban madaalawaa akka hin taane ibsite

Finfinnee, Bitootessa 20, 2014 (FBC)- Ilaalchi biyyoonni lixaa qabiinsa mirga namoomaarratti qaban madaalawaa kan hin taanee fi fudhatama kan hin qabne ta’uu Chaayinaan ibsite.

Beejiing ilaalchi biyyoonni lixaa waraanaa fi dhiittaa mirga namoomaa  Iraaq, Afgaanistaanii fi Sooriyaatti ture akkasumas waraana yeroo ammaa Raashiyaa fi Yuukreen gidduutti adeemsifamaa jirurratti qaban madaalawaa akka hin taanee gama dubbii himaa Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Weenbiin ibsiteetti.

Biyyoonni lixaa dhimma godantota biyyoota Giddugala Bahaa, Afrikaa fi Laatiin Ameerikaarraa godaananii duubatti dhiisuun xiyyeeffannoo isaanii guutuu godaantota Yuukreen irra taasisuu isaanii  Waang Weenbiin qeeqaniirru.

Halellaa lammiilee nagaa Yuugoozlaaviyaa, Afgaanistaanii, Iraaq fi Sooriyaa irra ga’aa jiru duubatti dhiisuun haleellaa lammiilee nagaa Yuukreen irra ga’u qofarratti xiyyeeffachuun fudhatama kan hin qabnee fi madaala isaa kan hin eegne ta’uu kaasaniiru.

Birmadummaa fi tokkummaan biyyaa biyyoota hundaa kabajamuu akka qabuu fi Chaartarri, Kaayyoowwanii fi qajeeltoowwan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kabajamuu akka qabu ibsuu isaanii Aanaadooluun gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.