Fana: At a Speed of Life!

Diyaaspooraan dhiibbaa  biyyarratti aggaamamu tokkummaan qolachuu qaba jedhame

Finfinnee, Bitootessa 20, 2014 (FBC) Diyaaspooraan dhiibbaa alaas ta’e keessaa biyyarratti aggaamamu tokkummaan qolachuu akka qaban Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamaan dhaabbii Ityoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen gaafatan.

Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaasee fi Ambaasaaddar Fitsum Araggaan hoggantoota gurmaa’insa hawaasa Ityoophiyaa Ameerikaa, Taaksi Foorsii, hoggantoota Waldaalee Siiviikii fi keessumoota waamichi taasifameef waliin gama viidiyoo konfiransiin mari’ataniiru.

Diyaaspooraan dhiibbaa alaas ta’e keessaa biyyarratti aggaamamu tokkummaan dhaabbachuun akka qolatu Ambaasaaddar Taayyeen gaafataniiru.

Ambaasaaddar Fitsum Araggaan gamasaaniin Wixineen Seeraa HR 6600 FI S3199 kongiransii fi Seeneetii Ameerikaan Ityoophiyaarratti ba’an kabaja birmadummaa biyyaa kan cabsan , hariiroo biyyoota lameenii kan miidhanii fi addaan kutan ta’uu kaasaniiru.

Wayita mootummaan tokkummaa fi nageenya biyyaaf jecha tarkaanfiiwwan hedduu fudhachaa jirutti Ityoophiyaarratti dhiibbaa uumuuf yaaliin taasifamu  sirrii akka hin taanee fi fudhatama kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.

Diyaaspooraan Ameerikaa jiraatu wixineewwan kunneen akka hin raggaane taasisuun ga’ee isaanii akka ba’atan gaafachuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.