Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin beeksisaa paarkiiwwan invastimantii fi indaastirii Hinditti gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Bitootessa 20, 2014 (FBC)–Komiishiniin Invaastimantii Ityoophiyaa fi Hinditti imbaasiin Ityoophiyaa waliin ta’uun Waltajjiin beeksisaa paarkiiwwan invastimantii fi indaastirii Hindi Muumbaayitti gaggeeffamuu eegaleera.

Hinditti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Tizzitaa Muluugeetaa fi itti aanaa Komiishinaraa Daani’eel Tarreessaa carraawwanii fi filannoowwan invastimantii Ityoophiyaa keessaa jiran abbootii qabeenyaa Hindiif ibsaniiru.

Akkasumas Komishinichi Dhaabbata Daldalaa fi Diinagdee Hindi waliin sanada waliigaltee hariiroo invqstimantii biyyoota lameenii cimsuu haala danda’amu irratti walii mallatteessuu ragaan Komishinii Investimantii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Waltajjichi guyyoota 15’f kan turu ta’uu himaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.