Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Eerdohaanii fi Vilaadmiir Putiin yeroo itti aanu mariin Raashiyaa fi Yuukreen Turkitti akka gaggeeffamu walii galan

Finfinnee, Bitootessa 19, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Turkii Rajiib Xaayib Eerdohaanii fi kan Raashiyaa Vilaadmiir Putiin mariin Raashiyaa fi Yuukreen yeroo itti aanu Turkitti akka gaggeeffamu walii galaniiru.
Preezdaantoonni lameen marii dilbata darbe bilbilaan taasiisaniin dhimma walitti bu’iinsa Raashiyaa fi Yuukreen ilaalchisee adeemsa mariirratti mari’achuu isaanii Waajjirri Preezdaantii Turkii ibsa baaseen himeera.
Mariin Raashiyaa fi Yuukreen gidduutti mari’atamu Turk Istaanbuulitti akka gaggeeffamu walii galuu isaanii eereera.
Preezdaant Eerdohaan Raashiyaa fi Yuukreen gidduutti waliigalteen dhukaasa dhaabuu taasiifamuun naannichatti dhiyeessiin deeggarsa namoomaa fooyya’uu akka qabu Preezdaant Vilaadmiir Putiinif ibsaniiru jedhame.
Miseensa garee marii Yuukreen kan ta’an Deeviid Araakkaamiiyaan gama isaaniin mariin nageenyaa Raashiyaa fi Yuukreen torbee itti aanu Turkitti kan gaggeeffamu ta’uu ibsuu isaanii Shiinwaan gabaaseera.
Jilli marii nageenyaa Yuukreenii fi Raashiyaa bakka bu’an Gurraandhala 28, eegalee marsaa sadiin Beelaaruusitti kan mari’atan yoo ta’uu, marii marsaa 4ffaa ammoo Viidiyoo Konferinsiin gaggeessaniiru.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.