Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa rakkoo hamaa keessa kan galche keessaa tokko waliigaltee dhabuu siyaasaati – Dooktar Diimaa Nagawoo

Finfinnee, Bitootessa 19, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti waliigaltee dhabuu siyaasa hundee gadi fageeffate yeroon itti karaa qaroomina qabuun hiiknu ammaa jedhan, hundeessaafi Dura Taa’aan duraanii ABO Dooktar Diimaa Nagawoo.
Ityoophiyaa rakkoo hamaa keessa kan galche keessaa tokko waliigaltee dhabuu siyaasaati jedhan.
Sababni waliigaltee dhabuu siyaasaa inni guddaan duudha tokko ijaaree kan biraa diigaa, yeroo olkaa’uu ammoo bifa sabaa qabaachuun waldhiibaa deemun waraanaaf ka’umsa ta’eera jedhan.
Yeroo garaagaraatti humnoonni siyaasaa biyyaattii biyya dursuu caalaa faayidaa fi dheebuu aangoo dhuunfaa isaanii milkeessuuf, dursuun rakkoo waliigaltee dhabuu siyaasaa biyyattii ukkaamsuuf yaala turus himaniiru.
Rakkoo kana hiikuufis marii biyyaaleessaa dabalatee ijaarsa sirna diimookiraasii eegalame yoo irratti hojjetame hiree gara fuuladuraa biyyaaf abdii guddaadha jedhan.
Marii biyyaaleessa milkeessuu fi biyyaaf boqonnaa kennu yoo barbaadame qaamolee ilaalacha siyaasaa garaa garaa qaban gara waltaajjii tokkotti fiduun ni barbaachisaas jedhaniiru.
Kana milkeessuufis mootummaan ga’ee olaanaa qaba jechuu isaanii DhPI gabaaseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.