Fana: At a Speed of Life!

Obboleessi kiyyaa Ismaa’eel Oomaar Giilee baga nagaan gara mana keessaan 2ffaatti dhuuftan-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 18, 2014 (FBC)- Muummeen Ministira FDRI Abiy Ahimad obboleessi kiyyaa Ismaa’eel Oomaar Giilee baga nagaan gara mana keessaan 2ffaatti dhuuftan jedhaniiru.

Preezdaantiin Jibuutii Ismaa’eel Giileen daawwannaa hojii guyyoota lamaaf Finfinnee galaniiru.

Preezdaantichi buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee wayita ga’aaniitti Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad simannaa taasisaniifiru.

Hoggantoonni lameen dhimmoota biyyoolessaa fi naannoorratti ni mari’atuun eegama.

Ityoophiyaa fi Jibuutiin biyyoota hariiroo obbolummaa irratti hundaa’e baroota dheeraaf qabanidha.

Biyyoonni lamee dameewwan baabura, daandii, bishaanii, teeleekoom, humna elektirikaa fi hojiiwwan misoomaa birootin fayyadamummaa waloo mirkaneessuuf hojjechaa akka jiran ni yaadatama.

Alaazaar Taaddalatuu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.