Fana: At a Speed of Life!

Weeraraa fi miidhaa godina Saba Oromootti qaqqabee dandamachiisuuf waltajjiin gali walitti qabu gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 18, 2014 (FBC) – Waldaa Misooma Walloo Oromoo weeraraa fi miidhaa gareen ABUT godina Saba Oromootti qaqqabsiisee dandamachiisuuf waltajjiin galii walitti qabuu gaggeeffamuu ibsameera.

Waltajjii galii walitti qabuu kanarratti bulchaan godinicha obbo Ahimad Alii, gareen shororkeessaa ABUT garichi godinicha osoo hin weerariin duraa ta’e erga galee booda uummanni falmii olaanaa gaggeessuu ibsameera.

Garichi godinicha wayita weeraree tureetti qabeenya Birrii biiliyoona 2.2tti tilmaamamu ol barbadeessuu obbo Ahimad himaniiru.

Godinalee ollaa dabalatee uummattoonni Ityoophiyaa rakkoo garichi qaqqabsiisee dhaabuu cinaa dhaabbachuun michummaa isaanii agarsiisaniiru jedhan.

Kaayyoon waltajjii gali walitti qabuu kun hayyoota, diyaaspooraa fi qaamolee tumsitoota waliin ta’uun haala qabatamaa godinicharratti marii taasisuun miidhaa qaqqabee hubachiisuufi jedhaniru.

Alamsaggid Asaayyeetu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.