Fana: At a Speed of Life!

Godina Baaleetti daldaltoota seeraan ala daballii gatii taasiisan irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Bitootessa 17, 2014 (FBC) – Godina Baaleetti daldaltoota seeraan ala daballii gatii taasiisan 692 irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuu Waajjiri Daldalaa Godinichaa beeksise

Rakkoo qaala’iinsa jireenyaa hawaasa dararaa jiru furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus ibseera.

Rakkicha waaraan furuuf hawaasa waliin mariin gaggeeffamuu Waajjirich himeera.

Daldaltoota seeraan ala gatii dabalanii fi meeshaalee dhoksan irrattis tarkaanfii fudhachuu eereera.

Akka Godinichaatti to’annoo dhaabbilee daldalaa irratti gaggeeffameen daldaltoota gatii seeraan ala dabalanii fi daldala seeraan alaa irratti bobba’an 692 irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuu waajjira Daldalaa Godinichaatti qindeessaan Inispeekshinii fi Rigulaatoorii obbo Idriis Abdallaa himaniiru.

Tarkaanfii fudhatameen dhaabbileen 96 saamsamuu dubbataniiru.

Tarkaanfii mootummaan qaala’iinsa gabaa fi to’annoo meeshaalee seeraan alaa irratti fudhataa jiru milkeessuuf hawaasni gahee isarraa eegamu bahuu akka qabus dhaamuu ragaan BDhKMNO irraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.