Fana: At a Speed of Life!

Namoonni karaa seeraan alaa meeshaalee waraanaa daddabarsan Shugguxii Turkii 25 waliin to’ataman

Finfinnee, Bitootessa 17, 2014 (FBC) –Namoonni karaa seeraan alaa meeshaalee waraanaa daddabarsan Shugguxii Turkii 25 waliin to’atamuu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Naannoo Amaaraa magaalaa Bahaar Daarii ka’uun namoonni karaa seeraan alaa meeshaalee waraanaa konkolaataa deddeebisa ummataa Afrikaa Baas jedhamuun Shugguxii Turkii 25 fe’anii gara Finfinnee imalaa turan to’annoo fi hordoffii taasiifamaa tureen to’atamuu TOI gabaaseera.

Namoonni dhuunfaan kunneen magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Araadaa aanaa 05 iddoo addaa Komishinii Poolisii magaalaa Finfinnee jedhamutti to’atamuu ibsameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.