Fana: At a Speed of Life!

Aluulaa Gabra’amlaak dorgaa dorgee Faanaa laamroot 9ffaa injifate

Finfinnee, Bitootessa 16, 2014 (FBC) – Dorgaa Dorgeen weelliftoota sagalee Faanaa Laamroota guyyaa har’aa xumura argateera.

Torbeewwan darbaniif weelliftoota sagalee Faanaa Laamroot sirba weelliftoonni ofii fi Abbootiin murtii filataniin qoramaa turaniiru.

Dorgaa dorgeen Faanaa Laamroot tamsaasa kallattii Teeleeviizhiiniin dorgomamu yaada ogummaa abbootii murtii dabalataan daawwattoonni gama ergaa gabaabaa ‘8222’ dorgomtootaaf deeggarsa taasisaa turuun ni yaadatama.

Guyyaa har’aas akkuma kanaan duraa yaada ogummaa abbootii murtii dabalataan daawwattoonni gama ergaa gabaabaan dorgomtootaaf deeggarsa taasisaniiru.

Haaluma kanaan dorgomtoota injifataniif badhaasni laatameera.

Dorgaa dorgee Faanaa Laamroot 9ffaan Aluulaa Gabra’amlaak 1ffaa ba’uun Birrii Kuma dhibba 2 yoo badhaafamu, Makbiib Arraagee 2ffaa ba’uun Birrii kuma dhibba 1 fi kuma 50, Zalaalam Taaddasaa 3ffaa ba’uun Birrii Kuma dhibba 1 akkasumas Raqiiq Assaggid 4ffaa ba’uun Birrii Kuma 50 badhaafamaniiru.

Ittaanaan hojii raawwachiisaa Faanaa Broodkaastiing Korporeet xumura dorgommichaarratti argamuun haasaa taasisaniin dorgaa dorgeen Faanaa Laamroot dorgommii tamsaasa kallattiin taasifamuu fi jalqabiisaarraa eegalee namoota dandeettii qaban hedduu horachuu ibsaniiru.

Dhaabbilee deeggarsa saganticha ispoonsara godhan fi daawwattootaa galateeffachuun dorgomtootaaf carraa gaarii hawwaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.