Fana: At a Speed of Life!

Daldalli bilisaa aardii Afrikaa Adoolessa 2012 keessa ifatti ni eegalama

Finfinnee, Amajjii 29, 2012 (FBC) – Daldalli bilisaa aardii Afrikaa Adoolessa 2012 keessa ifatti ni eegalama.
 
Koomiishinarri Koomiishinii Daldalaa fi Indaastirii Gataa Afrikaa Ambaasaaddar Muuchaang Albart akka ibsanitti biyyoonni miseensa gamtichaa 54 waliigalticha mallatteessaniiru.
 
Biyyoonni 28 ammoo manneen maree bakka buutota ummataa isaaniitti dhiyeessuun raggaasifataniiru.
 
Yaa’ii dureewwan Gamtaa Afrikaa Gurraandhala 1 – 2,2012tti Finfinneetti gaggeeffamurratti biyyoonni hafan manneen maree bakka buutota isaaniitti dhiyeessuun akka raggaasifatan ni hojjetama jedhaniiru.
 
Kaayyon nananoo daldala bilisaa aardii Afrikaa hidhata diinagdee cimsuu, sochii daldalaa, oomishaa fi namootaa eeyyamuu, meeshaalee fi tajaajiloota waliigalteen irra ga’ame bilisaan akka sochoofaman taasisa.
 
Waxabajjii 30,2011 yaa’ii idilee Gamtaa Afrikaa Niijar Niyaamiitti taa’ameen daldala bilisichaa Waxabajjii 2012 eegalee hojiirra oolchuuf waliigalamuun isaa ni yaadatama.
 
Hojiin hubannaa uumuu amma Caamsaa 2012tti kan raawwatamu ta’uunis eerameera.
 
Ityoophiyaan Bitootessa 12, 2011 waliigalticha Mana Maree Bakka Buutota Ummataatti dhiyeessuun waliigalticha raggaasisuun ishee ni yaadatama.
 
Ityoophiyaan waliigalticha raggaasisuun biyya 22ffaa turte.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.