Fana: At a Speed of Life!

Hojiin lammiilee Saa’ud Arabiyaatti rakkoo keessatti argaman gara biyyaa deebisuu Wiixata dhufuu ni eegala

Finfinnee, Bitootessa 16, 2014 (FBC) – Hojiin lammiilee Saa’ud Arabiyaatti rakkoo keessatti argaman gara biyyaa deebisuu Wiixata dhufuu akka eegaluu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

Ministirri deetaan Ministeera Dhimma Alaa aadde Birtukaan Ayyaanoo ibsa laataniin, Ityoophiyaanoota Saa’ud Arabiyaatti rakkoo keessatti argaman gara biyyaa deebisuuf qophiin duraa xumurameera jedhan.

Koreen biyyoolessaa dhaabbilee 16 of keessaatti haammate gara hojiitti galuu kaasuun, kanaanis Wiixata dhufuurra eegalee lammiilee rakkoo hamaa keessaa jiraan gara biyyaa deebisuu ni eegala jedhaniiru.

Maddi:-TOI

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.