Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan oomisha boba’aa ishee Ruubli yookaan Biit Kooyiniin gurguruu akka dandeessu ibsite

Finfinnee, Bitootessa 16, 2014 (FBC) – Raashiyaan oomisha boba’aa ishee alatti ergitu maallaqa biyyashee Ruubli yookaan Biit Kooyiniin gurguruu akka dandeessu beeksiste.

Qoqqobbii yeroo ammaa biyyattiirra kaa’ame hordofee gaazii uumamaa biyyattii Doolaara yookaan ammoo Yuuroon gurguruun rakkisaa ta’uu Paarlaama biyyattiitti dura taa’aan koree dhaabbii Inarjii Paaveel Zaavaalniin ibsaniiru.

Kanarraa ka’uun Raashiyaan oomisha boba’aa fi gaazii gara biyya alaatti ergitu Ruubiliin yookaan ammoo Biit Kooyiin gurguruu akka dandeessu eeraniiru.

Biyyoota michoota Raashiyaa ta’an Turkii fi Chaayinaaf filannoon kaffaltii fooyyee qabu kan mijeeffamu ta’uu kaasaniiru.

Maallaqa Raashiyaa Ruubilii fi Chaayinaa Yuwaaniin bittaa gurgurtaaf itti fayyadamuuf kanaan dura yaadasaa Chaayinaaf dhiyeessuu yaadachiisuun Turkii waliinis Liiyree fi Ruubiliin bittaa fi gurgurtaan kan taasifamu ta’uu ibsuu TRTn gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.