Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Somaalee jijjiirraman dura rakkoo nageenyaa keessa ture keessaa ba’uun bu’aan argamsiise kan dinqisiifamu – Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Bitootessa 16, 2014 (FBC) – Naannoon Somaalee jijjiirraman dura rakkoo nageenyaa keessa ture keessaa ba’uun bu’aan argamsiise kan dinqisiifamu ta’uu Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin ibsan.
Waltajjiin muuxxannoo waljijjiirraa dhaabbatummaa fi sagantaa bu’uuraalee misoomaa naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti gaggeeffamaa jira.
Sagantaa kanarratti Ministira Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii fi Preezdaantii naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad dabalatee hoggantoonni naannolee fi magaalota Ityoophiyaa garaagaraa argamuu ibsameera.
Naannichi rakkoo nageenyaa jijjiirraman dura keessa ture keessaa ba’uun waggoota sadan darban hoggansa bilchina qabuun bu’aan galmaa’e kan dinqisiifamu ta’uu Aadde Caaltuun ibsaniiru.
Waltajjiin muuxxannoo waljijjiirraa kun sagantichaan hojiilee hojjetaman gamaaggamuun muuxxannoo gaarii jiru qooduu ta’uu eeraniiru.
Muuxxannoo waljijjiiruun misoomaa fi guddina saffisiisuuf waltajjiin muuxxannoo waljijjiirraa qooda olaanaa qabaachuu Preezdaantiin naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad dubbataniiru.
Waggoottaan sadan darban ummanni tajaajila qulqullina qabu akka argatu gama misooma daandii, Bishaanii, Ibsaa fi kanneen biroon hojiilee hedduun hojjetamuu dubbachuu isaanii Miidiyaan naannichaa gabaaseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.